Marii Kurii
From Wikipedia, the free encyclopedia
Marii Skiwoodofiskaa Kurii (Maria Salomea Skłodowska-Curie; A.L.A Sadaasa 7 1867 - Adoolessa 4 1934) fiizisistii fi kemistii beekkamtuu yoo taatu namoota qoraannoo wa'ee raadiyoo'aktiviitii irratti godhan keessaa kan jalqaba fi adda duree turte. Mariin dhalootaan lammii Poolaandi yoo taatu boodarra garuu lamummaa Firaansi argate. Mariin Badhaasa Noobelii argachuun dubartii jalqabaa yoo taatu, nama badhaasa kana si'a lama argate kan jalqabaa (dubartii keessaa kan qofaa) ti, nama saayinsii adda addaatin badhaasa kana si'a lama argate kan qofaa, fi maatii Kurii kan Badhaasa Noobelii shan argate keessaa nama tokko turte. Mariin Yuunivarsiitii Paarisitti dubartii pirofeesara taate kan jalqabaa yoo taatu bara 1995 dubartii jalqabaa kan hojii mataa ishiitin Paaris keessatti awwalcha namoota kabajamoof addatti qophaa'e keessati awwaalamte dha.
Marii Kurii | |||
---|---|---|---|
Ogummaa: | Fiiziksii, Kemistirii | ||
Biyya: | Poolaandi, Firaansi | ||
Guyyaa dhalootaa: | Sadaasa 7, 1867 | ||
Bakka dhalootaa: | Waarsawu, Poolaandi | ||
Guyyaa du'aa: | Adoolessa 4, 1934 | ||
Bakka du'aa: | Paaris, Firaansi |
Mariin Waarsawu, kan yeroo sana Mootummaa Poolaandi jedhamu fi kutaa Impaayera Raashiyaa ta'e keessatti Mariyaa Saloomiyaa Skiwoodofiskaa taatee dhalatte. Mariin dhoksaan socho’u Yuunivarsiitii Filootingi (Floating University) Waarsawu keessatti barattee leenjii saayinisii hojiirrattii Waarsawu keessatti jalqabde. Bara 1891tti, umurii 24tti, obboleettii ishii angafaa hordofuun barnootaaf Paaris deemte. Paarisitti digirii ishii kan argate yoo ta'u hojiiwwan saayinsii hojjatte hundas Paaris keessatti hojjatte. Badhaasa Noobleii kan 1903 abbaa manaashii Piyeer Kurii fi fiizisisti Henrii Baakireel wajjin kan addaan qooddatte Mariin bara 1911tti ammoo Badhaasa Noobelii kan Kemistirii dhuunfaa ishiitti argatee jirti.
Argannoo Marii keessaa raadiyoo'aktiiviitii (jecha kana kan uume ishii dha), toofta ittiin ayissotooppota raadiyoo'aktiivii addaan baasanii fi elementoota haara lama kan polooniyeemii fi reediyeemii jedhaman kaasun ni danda'ama. Qajeelfama Mariitin, ayissotooppota raadiyoo'aktiivii ta'anitti fayyadamuun, qorannoon jalqabaa kan akkataa ittiin neoplasmas yaalanii fayyisuun danda'amu irratti xiyyeeffatu godhame. Mariin dhaaba Inistiitiyuutii Kurii jedhamu Paarisii fi Waarsawu keessatti kan dhaabdee yoo ta'u dhaabni hanga ammaatti giddugala qorannoo fayyaa ta'ee argama. Yeroo Waraana Addunyaa I, giddugala raadiyooloojii dirree waraanaa kan jalqaba dhaabde.
Lammii Firaansi yoo taateyyuu, Marii Skiwoodofiskaa Kurii (maqaa maatii lamaanuu ni fayyadamti) eenyummaa kan Poolish ta'uushii hin daganne. Ijoollee ishii kan durbaa lamaanuu Poolaandiffa kan barsiifte yoo ta'u akka daawwataniifis gara Poolaandi yeroo baayyee isaan geessitee jirti. Elementii jalqaba argate – Polooniyeemii kan jalqaba bara 1889 adda baafte – maqaa biyya dhaloota ishiin polooniyeemi jettee moggaafte.
Mariin bara 1934 Hospitaala Sanselomuuz (Sancellemoz - Haute-Savoie), Firaansi keessatii duute, sababiin du'a ishiis apilaastiik animiyaa yoo ta'u kunis kan dhufe raadiyeeshiniidhaaf saaxilamuu isheetin ture - kan saaxilamtes yeroo qorannoo teesti tuubii reediyeemii kiisii keessatti waan baachaa turtee fi tajaajila eksi-reyii yeroo waraanaa kenniteen ture.