Sulula
From Wikipedia, the free encyclopedia
Sululli bakka baay’ee gad dhooqaa fi gad fageenya guddaa qabu yoo tahu yeroo baay'ee tulluuwwanii fi gaarreniin marfamee kan bishaan jidduu yaa'uudha. Sululli irra caalatti kan uumamu biyyeen lagaan ykn burqaan haramuu irra kan ka'eedha.
Sulullan bakka gurguddoo lamatti qoodamu. Isaanis Sulula Qiinxamaa Guddaa (Rift Valley) fi Sulula lagaati. Sululli Qiinxamaa guddaan sababa humna lafa keessattiin uumame. Kunis, sochii qaama dachee keessatti uumamuun qaamni dachee baqaquun ennaa gara bitaa fi mirgaatti addaan harkifamu qaamni jidduutti argamu gad liqimfamuudhaan sulula guddan uuma. Sululli lagaa kan uumamu laggeen naannoolee lafa gaarreenii fi pilaatoowwan keessaa maddan humna guddaan gara naannoo lafa dakeetti ennaa yaa’an qaama dachee bitaa fi mirga lagaatti argamu gad qotuun (nyaachuun) biyyee haranii ennaa deeman lafa qilee fi baay’ee gad dhooqaa (hallayyaa) ta’e uumu.